tg-me.com/oromoToo/10545
Last Update:
#AKKAM_WAYYA?
****
✍Galiiliyoo Galiilee saayintistii beekamaa ture. Akkasumas Ammoo miseensa waldaa Kaatoolikiidha. Teleskooppiin ilaalee lafti akka aduutti naannoftu ibse. "Aduun lafatti hin naannoftu; lafatu aduutti naanna'a!" jedhee barsiise. Waan kun garuu aanga'oota amantaa Kaatoolikii akka malee aarse. "Kun uumama Waaqayyootti qoosuudha!" jedhan. Barumsa dogoggoraa kan Kitaaba Qulqulluu faallessu ta'uu isaa yaadan. Barsiisa isaa kana akka dhaabu deddeebi'anii
akeekkachiisan. Inni garuu ittuma fufee barsiise.
✍ Dhuma irratti adabuuf murteessan. Koreen adaba itti murteesse. Namicha fudhatanii gaara guddaatti ol ba'an. Roggeen gaarichaa cabbii uffatee jira. Baay'ee qorra. Uffata isaa irraa baasanii cabbicha irra ciibsan. Qullaa isaa. Isa booda hamma dhiigni
isaa cobutti reeban. Reebicha guddaa qorra guddaa keessatti.
Baay'ee gidirfame. Dhuma irratti sagalee isaa dadhabee hollatuun akkana jedhe: "Yee jarana! Yookaan saayinsiin isiniif hin galu, yookaan immoo
Kitaabni Qulqulluun isiniif hin galu. Lachuu keessaa hin qabdan. Akkan itti isiniif ibsun dhabe. Egaa akkam wayya?"
*
# Akkam_wayya ?
Waanan jechuuf jedhe jedheera. Dalga immoo akka na jalaa hin hiikne.
#A_Adha. #AU,irraa
Ergaa kanaa yoo jaallattee hiriyyoota keef share godhi.
Join 👇👇👇
@Oromotoo
@Oromotoo
@Oromotoo
BY MADDA BEEKKUMSAA🌳
Warning: Undefined variable $i in /var/www/tg-me/post.php on line 283
Share with your friend now:
tg-me.com/oromoToo/10545