tg-me.com/harargetub/1734
Last Update:
Jireenya! Carraa jalqabaa fi isa dhumaa!
''Jireenyi dhiyeessii yeroo tokkooti. Akka gaariitti jiraadhu” (Thoughts Wonder).
Wantoota har'a hojjechuu dadhabne, yeroo fi carraan isaa gaafa sirrii ta'e ni raawwanna. Jireenyi garuu akkas miti. Jireenyi carraa jireenya keessatti al tokko argamtudha. Erga itti fayyadamne booda yoomiyyuu hin deebi'u.
Carraa yeroo tokkoo kana sababa adda addaatiin osoo hin mudatin akka hin dabarre qaroo ta'i.
Jireenya kana itti gammaduudhaaf sooressa ta'uu hin qabdu, qaroo ta'uu hin qabdu, beekamaa ta'uu hin qabdu, nama si dhiisee deeme deebifachuu hin qabdu, hin barbaachisu waan barbaadde hunda argachuu qabda, nama hunda biratti fudhatama argachuu hin qabdu, biyya kamuu deemtee jiraachuu hin qabdu. . . .
Har'a jireenya guutummaatti jiraachuuf murteessuu dandeessa.
• Waan har'a qabdutti gammadi, garuu waan hin qabne argachuuf cimtee hojjedhu.
• Hojii harka jiru gammachuu fi ciminaan hojjedhu, garuu kaayyoodhaan jiraadhu, boru fooyya’aa ta’eef karoorfadhu.
• Eenyu akka taate fudhadhuu ofitti gammadi, garuu amala dhuunfaa kee kan jijjiiramuu fi fooyya’uu qabu irratti yeroo hunda hojjedhu.
• Hanga galma kee bira geessutti imala keetti gammadi, garuu hanga galma kee bira geessutti sochii kee itti fufi.
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
BY 🔊HARARGEE MEDIA
Warning: Undefined variable $i in /var/www/tg-me/post.php on line 283
Share with your friend now:
tg-me.com/harargetub/1734