Telegram Group Search
Dhiira yoo taate dubara gaafa ati sadarkaa takka irra hin gahin siifiin jira siin jatte hin dagatin.

Dubartiin hiyyummaafii laafina keetii wajjiin si qeebalte warqiidha.❤️‍🔥


:¨·.·¨:
 `·.   @Jechootahayyoota
Dafnee abdii kutachuu keenya irraa kan ka'e kaayyoo gurguddaa baay'ee karaatti ganne. Qofaa ta'uu malta. Namni si cina dhaabatee kallattii si argisiisu dhibuu danda'a. Deddeebitee mucucaachuun kufaatii sitti fakkaatee abdii kutatte ta'a. Yeroo dheeraa karaa ati irra turte si gaddisiisuu danda'a. Waan hin dabarre sitti fakkaatee dhiphachuu dandeessa.

Gorsan siif qaba. Eeyyee gorsa. Ittuma fufii yaali! Yaalii, yaalii, yaali, ammas yaali! Matumaa matumaa matumaa abdii hin kutatin! Jireenyi gara-bal'ina si gaafatti. Garaa bal'attee irra deddeebitee hin yaaltu taanaan na amani galma kee hin geessu. Gatii osoo itti hin baasin kaayyoon ati galmaan geessu hin jiru. Yoom iyyuu kaayyoon kee gatii baasuu akka si gaafatu dursii beeki! Kufuun jira; ammas kufuun jira; amma illee kufuun jira. Kufaatii hedduu booda immoo mo'achuun ni jira. Eeyyee ni jira. Si'a tokko kuftee abdii kuttee dhiistee deemta taanaan yoom iyyuu hin mo'attu. Kun immoo adeemsuma uumamaati.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Jireenyaa ilmaa nama kessaatti wantii hundaa caalaa barbaachisaa ta'ee
              Mul'ataa.
Mul'ata malee mul'achuun hin jiruu. Mul'ata jechuuni imala sammutii.

       𝕸𝖆𝖏𝖔𝖗 𝖔𝖓𝖊
          

@Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Hordaftoota channali keenya kabajamoo,, Channali Youtube kana SUBSCRIBE godhudhaan Hordoofa Isinin jennaa.Dabalataanis yeroo dhihoo kessatti Baacoo,walaloo,Oduu durii,seenaa Hayyoota,Seenaa Gootota Oromoo hundaa Qabatee Isiniif dhufuuf qophii isaa Xumuraa waan jiruuf SUBSCRIBE godhuudhan Barnoota gara garaa Irraa Argachuu Nin dandessaan jedheen Abdii guddaa irraa Qaba waan taheef Ammuma SUBSCRIBE bakka jettu tuqudhaan maatii Ta'a!!!

ISININ JAALADHA OROMOO TIYYA



Watch "Hacaaluu Consertii America irratti" on YouTube
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://youtu.be/TCT8FQ2nlmU
Mul'anni ati jiraattuuf haala ati itti jirtu caala.

Har'i gadadoof rakkinaan xaxamaadha, qoreen isaa waan nama dabarsu hin fakkaatu. Mul'anni kee borii ammoo miidhagaa; Jireenya tolee qajeeledha. Jireenya miidhagaa sana bira gahuun kan dandaa'amu, rakkoof gidiraa si mudachaa jiraniif yoo harka laachuu diddedha. Qoree daandii kee gubbaa tuulamee darbuu si dhorku yoo cabsitee darbite, jireenya qajeelaa sana arguu dandeessa. Kana gochuun ammoo abdii hin citne qabaachuu si gaafata. Haalonni yaadaaf qalbii keetti guddatanii hidhii si xuuchisuu hin qabani.

Har'a kee utuu hin taane boruu kee ilaalii cimi. "Jabaataan Fira hin dhabu;Laafaan fira hin argatu" jedha Oromoon.
Cimi, cimi!

yeroo gaarii....♥️

Join 👇👇
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Yeroo guddachaa deemtu, sammuu miiraa( Emotional intelligence) kee guddifadhu, miira kee fi kan namoota biroo wajjin caalaatti wal simsi.

Sammuu miiraa(Emotional intelligence) jechuun miira kee haala bu’a qabeessa ta’een hubachuu fi ibsuu danda’uudha.  Miira kee akka gaariitti bulchuu fi ilaalcha adda addaatiin waan tokko ilaaluu danda'uudha.  Akkasumas walitti bu'iinsa karaa bilchinaa fi ijaarsa qabuun to'achuu danda'uu, yeroo qormaanni nu mudatu madaqsuu fi dandamachuu jechuudha.

━━━━━━━━━━━
🖋️@Jechootahayyoota
Kaleessi har'aaf, har'i immoo boruuf ka'umsa malee wadaroo safaraa miti!

Biqiltuu lattuu kaleessaa, kan irra ejjetan cabu har'a gaaddisa yeroo dadhabbii, kan firii harcaasee akkanuma madda oksijinii ta'ee harka nama qabudha. Har'i kaleessa miti! Eeyyeen, daa'imni har'a harka qabanii daaddee deemsisan, hiixatanii midhaan afaan kaa'antu bor jabaatee harka nama qaba, hiixatee afaan nama kaa'a, egereen biyyaas harka isaa jira. Kanaafuu, bakka kaleessaatti nama eegaa hafuufi bakka har'aatti bor wal waamuurra, yeroon gooftaa ta'i kamuu ta'uu hubachuun waan gaariidha akka jechuuti!
  
join 👇👇👇👇
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
OOLMAA MAATII KEENYA.

Nan yaadadha qarshii buna dhabee dubbisaa dhiisee beeka, waanti akka naaf guutamuu barbaadee garuu osoo naaf hin guutamiin hafuun baay'ee na mufachisee  beekaa, osoon akka ekelee waan hunda guuttadhee jedhe guyyaa meeqa hawwee beeka.

Garuu tasuma tasuma maatii koo warraa naaf dadhabaan, warra nattii gatii guddaa baasanin  ani mucaa isaani ta'uu koottii akka Isaan gaabban godhee hin beeku, hin godhus tasuma.  
   
           Atihoo????

  MAATII KEENYAAF GALATA
     🙏🙏🙏🙏🙏

JOIN
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Namni maqaa kee kan balleessu waan sadii sirraa barbaadee yeroo dhabuudha."

❶Faayidaa ofiitiif waa barbaadee yoo dhabe

❷Yoo sitti hinaafe

❸Yoo akka kee ta'uu dadhabe

Join 👇👇👇
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Bofti yeroo lubbuu dhaan jiru, Goondaalee soorata!! yeroo bofti du'u, immoo Goondaaleetu isa soorata!!
Yeroon, yeroo isaa eeggatee, jijjiirama Jechuudha.

Join 👇👑👑
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Ilmi namaa ilaalcha gaarii siif qabaachuun waan gaariidha,....... Garuu ati ilaalcha isanii sana caaltee argamuun immoo waan irra gaariidha.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
#Mallattoo_Jireenya_Jalqabuu.
** 

✍️Killeen akkuma beekamu qabaa yoo bade salphaatti Cabee baduu danda'a.  Killee miidhuu kan danda'u humna lama innis humna keessaa fi Humna alaati. Humni keessaa ka'u yoo killee cabsu #Hucootu dhalachuuf waan ta'eef mallattoo Jireenyi Jalqabuti.  Humni Keessaa killee hin miidhu jechudha. Humni killee Miidhu isa alaa dhufu. inni cabsuuf, dhangalasuuf balleessuuf dhufa.

✍️Egaa yaa fira koo bakka Jiraattu, bakka Barattu, Bakka Hojjettu fi  mana kee maatii kee keessaa lolli yoo sitti ka'e hin jibbin, Abdiis hin kutatiin Inni mallattoo Jireenyi Jalqabuuf agarsiiftuudha. Kan si balleessu, kan si miidhu isicha alaa dhufu waan ta'ef cimsii of eggadhu. Karaa kee Jireenya kee waaqayyootti kennadhu. Bakka dhaabbata kee haleeli Ilaaladhu.

Yeroo gaarii.
#A_A dha. YUUN. DIRRE DHAWA irraa.

Join 👇👇👇
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Yeroon ammallee darbuuf waan jiruuf, waan yeroo hundumaa gochuu barbaadde sana raawwadhu.  Kaayyoo fi hawwii keetiif deemi, of hin dhabin.  Har'a jalqabdus ta'e waggaa shan dabalataan eegdus yeroon osoo hin ilaalin ni darba.  Deemi— yeroo kee akka hin gubanne ykn akka hin qisaasne ofiif mirkaneessi.

GORSA JIREENYAA✅️
━━━━━━━━━━━
🖋️@Jechootahayyoota
Of barbaadanii of argachuun, argannoo bakka buusaa hin qabneedha.

Join 👇
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Namoota biroo ho'isuuf ibidda ofitti qabsiisuu dirqama hin qabdu.   Daangaa kaa’i, yeroo keef iddoo guddaa kenni, humna kee eegi, YEROO HUNDA  kabaja kee fi nageenya keef dursa kenni.

GORSA JIREENYAA✅️
━━━━━━━━━━━
🖋️ @Jechootahayyoota
Abjuu Guddaa qabaadhu.
Hojii Cimsi Hojjadhu.
Wanta Qabde Irratti Xiyyeeffadhu.
Naannoo Keetii Namootaa Gaarii qabaadhu.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
To all MUSLIM BROTHERS AND SISTERS EID MUBARAK

━━━━━━━━━━━
🖋️ @Jechootahayyoota
Allaattiin tokkoo fiixee damee mukaa tokkorra qubachuuf sodaa tokko hin qabu sababni isaas allaattichi damee mukaa sanaa osoo hin taanee baallee isaa abdateeti.

Atis abdiinkee waaqakeetti aansee si mataakee akka tahe beeki! Goonkumaa nama abdachuuf hin yaalin!

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Yeroo tokko tokko Onneen namootaa akka boolla gadi fagooti natti fakkaata.  Waan jala jiru eenyullee hin beeku.  Wanti ati gochuu dandeessu Yoo jiraate darbee darbee waan gara gubbaatti yaa'ee dhufuun tilmaamu qofa.

—Haruki Murakami
━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
#Jireenya.

✍️Jireenyi dogongora hojjachuun dabarsitu ulfina qofa osoo hin taane, jireenya homaa osoo hin hojjatin dabarsitu caalaa faayidaa qaba.

Join 👇👇👇👇
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
2024/06/26 00:20:36
Back to Top
HTML Embed Code: