Telegram Group Search
Jireenya! Carraa jalqabaa fi isa dhumaa!

''Jireenyi dhiyeessii yeroo tokkooti. Akka gaariitti jiraadhuโ€ (Thoughts Wonder).

Wantoota har'a hojjechuu dadhabne, yeroo fi carraan isaa gaafa sirrii ta'e ni raawwanna. Jireenyi garuu akkas miti. Jireenyi carraa jireenya keessatti al tokko argamtudha. Erga itti fayyadamne booda yoomiyyuu hin deebi'u.

Carraa yeroo tokkoo kana sababa adda addaatiin osoo hin mudatin akka hin dabarre qaroo ta'i.

Jireenya kana itti gammaduudhaaf sooressa ta'uu hin qabdu, qaroo ta'uu hin qabdu, beekamaa ta'uu hin qabdu, nama si dhiisee deeme deebifachuu hin qabdu, hin barbaachisu waan barbaadde hunda argachuu qabda, nama hunda biratti fudhatama argachuu hin qabdu, biyya kamuu deemtee jiraachuu hin qabdu. . . .

Har'a jireenya guutummaatti jiraachuuf murteessuu dandeessa.

โ€ข Waan har'a qabdutti gammadi, garuu waan hin qabne argachuuf cimtee hojjedhu.

โ€ข Hojii harka jiru gammachuu fi ciminaan hojjedhu, garuu kaayyoodhaan jiraadhu, boru fooyyaโ€™aa taโ€™eef karoorfadhu.

โ€ข Eenyu akka taate fudhadhuu ofitti gammadi, garuu amala dhuunfaa kee kan jijjiiramuu fi fooyyaโ€™uu qabu irratti yeroo hunda hojjedhu.

โ€ข Hanga galma kee bira geessutti imala keetti gammadi, garuu hanga galma kee bira geessutti sochii kee itti fufi.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Karaalee ittiin yaada sammuu keenyaa cimsannu.


1. Sammuun kee waanuma tokkottiyyuu akka hin dhiphanneef of eeggadhu!

Kan sitti himan caalaatti yaada keessa kee jiru itti yaaddee, maddisiiftee, barreessitee, karoorsitee utuu ittiin hojjattee yaada kee gabbifatta.

Namoonni tokko tokko yaada bareedduu utuma ofharkaa qabanii yaada nama kan biraatiin liqimfamanii hafu. Yookiin immoo ani dandeettii hin qabu, namni kan biraa kan ana irra caalu jira jedhanii yaada isaanii ukkaamsu!

2. Namoota yaada keetti si jajjabeessanii fi yaada kee miidhan adda baafadhu!

Beekumsaa fi dandeettii uumamaa kan addaa qabda. Beekumsi nama hundumaa immoo walitti dhufee hojii gurguddaa hojjata.

3. Yaada gaarii maddisiisuu! Yeroo hundumaa yaada gaarii maddisiisuuf of kakaasi!

Yaada gaarii yaaduun sammuu namaa boqochiisa.

Yaada gaarii maddisiisuun jireenya dhuunfaa irra darbee biyya ijaara!

Yaadni namootaa garaagara. Yaada nama kan biraatiin liqimfamuu irra ati hoo maal yaadda? Namni kamiyyuu yaada dhuunfaa mataa isaa qaba.

Yaada namoota hundumaa walitti fiduun yaada moo'ataa fi hojiif nama kakaasu ijaaruun ni danda'ama.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Yeroo tokko tokko wanni nuti barbaannu bakka nuti yaanne saniin ala waan jiru nutti hin fakkaatu.
garuu bakka baayyee bakka ati hin yaanneen milkaayinni hedduutu jira.

Waan tokkoon hin milkoofne jechuun; wanni hundi achirratti dhaabbate jechuu miti.

Yeroo asiin cufamte achiin banaa tahuu  hubachuu qabna.

@Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Yeroo callistu yaaduu dandeessa.
Yeroo callistu dhaggeeffachuu dandeessa.
Yeroo callistu yaadachuu dandeessa.
Yeroo callistu miiraa kee mo'achuu dandeessa.
Yeroo callistu of argachuu dandeessa.

Argitee jireenya keenya keessatti wantoonni hedduu barbaachisoon callisuu keessa jiru.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Kitaaba "The Power of Regret" (Humna Gaabbii) jedhu kan Daniel H. Pink, Gisela Chipe, et al.:

1. Gaabbiin kan hundaati.
Namuu gaabbii qaba. Isaanis kutaa muuxannoo dhala namaa isa idilee ti.

2. Gaabbiin yakka ykn salphina tokko miti.
Gaabbiin waaโ€™ee waan darbee yoo taโ€™u, yakki fi salphinni garuu waaโ€™ee yeroo ammaa ti. Gaabbii jechuun miira gadda ykn gaabbii waan taโ€™eef yoo taโ€™u, yakka jechuun miira waan taโ€™eef itti gaafatamummaa fudhachuu yoo taโ€™u, salphinni immoo miira salphinaa ykn salphina.

3. Gaabbiin kakaโ€™umsa cimaa taโ€™uu dandaโ€™a.
Gaabbiin jireenya keenya irratti jijjiirama akka goonu nu kakaasuu dandaสผa. Fakkeenyaaf, daandii hojii murtaaสผe tokko hordofuu dhiisuu keenyatti yoo gaabbinu, abjuu sana dhugoomsuuf tarkaanfii fudhachuuf carraan keenya guddaa taสผuu dandaสผa.

4. Gaabbiinis madda ogummaa taโ€™uu dandaโ€™a.
Gaabbiin dogoggora keenya irraa barannee gara fuulduraatti murtoo fooyyaโ€™aa akka goonu nu gargaaruu dandaโ€™a.

5. Namoonni baayโ€™een gaabbii ijoo afur qabu.
Gaabbiiwwan kunniin:
โ€ข The "Boldness Regret"โ€”Balaa fudhachuu fi jireenya guutummaatti jiraachuu dhiisuu keenyatti ni gaabbina.
โ€ข "Gaabbii Walitti Hidhamiinsaa"โ€”Hariiroo namoota biroo wajjin qabnu irratti yeroo fi humna gahaa invast gochuu dhabuu keenyatti ni gaabbina.
โ€ข The "Integrity Regret"โ€”Murtoo faallaa gatii keenyaa ta'e murteessuu keenyatti ni gaabbina.
โ€ข The "Provision Regret"โ€”Fayyaa qaamaa fi maallaqaa keenya kunuunsuu dhabuu keenyatti ni gaabbina.

6. Gaabbii keenya gara humna gaariitti jijjiiruu dandeenya.
Kana gochuu kan dandeenyu:
โ€ข Gaabbii keenya adda baasuu.
โ€ข Hundee gaabbii keenyaa hubachuu.
โ€ข Gaabbii keenyaaf dhiifama ofiif gochuu.
โ€ข Gaabbii keenya irraa barachuu.
โ€ข Jireenya keenya irratti jijjiirama gochuun gaabbii keenya irra deebiโ€™uu irraa of qusachuu.

7. Jireenya keenya keessaa gaabbii dhabamsiisuuf yaaluu hin qabnu.
Gaabbiin madda odeeffannoo fi kakaโ€™umsa gatii guddaa qabu taโ€™uu dandaโ€™a.

8. Kanaa mannaa gaabbii keenya toโ€™achuu irratti xiyyeeffachuu qabna.
Kana gochuu kan dandeenyu ofitti mararfachuu, dhiifama gochuu fi galateeffachuu shaakaluudhaani.

9. Gara fuulduraattis murtoo fooyyaโ€™aa gochuuf gaabbiitti fayyadamuu dandeenya.
Gaabbii keenya hubachuudhaan, gatiiwwan keenyaa fi wanta dursa kenninu adda baasuu dandeenya.

10. Gaabbiin mallattoo dadhabbii miti.
Mallattoo ciminaa fi of beekuu ti.

11. Gaabbii nutti dhagaสผamuu sodaachuu hin qabnu.
Miira fayya qabeessaa fi idilee ta'eedha.

12. Gaabbiin jireenya keenya akka toโ€™atu gochuu hin qabnu.
Inumaayyuu akka meeshaa guddinaa fi jijjiiramaatti itti fayyadamuu qabna.

13. Gaabbiin jireenya caalaatti hiika qabu jiraachuuf nu gargaaruu dandaสผa.
Gaabbii keenya hubachuudhaan, filannoowwan gatii keenyaa wajjin walsimu gochuu dandeenya.

14. Gaabbii keenyaaf galateeffachuu qabna.
Isaan barachuu fi guddachuuf nu gargaaruu dandaสผu.

15. Gaabbiin humna gaarummaaf humna guddaa qabuudha.
Jireenya keenya irratti jijjiirama akka fiduufi addunyaa irratti dhiibbaa gaarii akka geessisnu nu kakaasuu dandaโ€™a.

Barumsawwan kana hordofuudhaan gaabbii keenya toโ€™achuu barachuu fi jireenya caalaatti hiika qabuu fi gammachuu qabu jiraachuuf itti fayyadamuu dandeenya.
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Guyyaa guyyaan wanta wal fakkaataa dalagdee akkamittiin jijjiirrama garaa garaa eegda? Hirriiba moo'achuun siree keetirraa buutee, bilbila kee lafa/kiisii keessee yoo hin dubbisin, yoo hin hojjatin mee akkamiin milkoofta ?
Tarii Akka ati kitaaba hin dubbisne, akka ati hojii hin hojjanne wantonni baay'en sababa sitti tolaniif si nuffisiisuu danda'a har'aaf. Akka obbolummaatti wantin ani si gorsu yoo jiraate kan har'a of jijjiiruf aarsaa kaffaluu dadhabde, jaalattus jibbitus guyyaan wayii, guyyaan ati aarsaa kaffaltullee kan of jijjiiruu hin dandeenya fuldura keetti si eegaa jira๐Ÿ‘‰dulluma. Gama tokkoonis dargaggummaa keessa waan jirtuuf wantoonni jireenya kee balleessan tokko tokko sitti bareeduu danda'a, beekan garuu yeroo dargaggummaa isaat jireenya isaa bareecha.
Kanaafuu aarsaa kaayyoo keef madaalu yoo kaffalte wanta si madaalu nii argatta.

https://www.tg-me.com/jechootahayyoota/657
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Milkaa'inaa fi Kufaatii

โ Nama kamiifuu guyyaan borii  haaraadha. Kanaaf sochii hojjedhu. Hojii kee keessatii dogoggorri uumamu danda'a. ๐Ÿ’ช
Kufaatiin illee akkasuma. Wanti fedhe yoo ta'e dogoggora hin sodaatiin. Yoo dogoggorte malee barachuu hin dandeessu. Kufaatii hin sodaatiin.

๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰ Bu'aa jireenyatu akkasi; jireenyumatu akkasitti injifatama. Kufaatiin filannoo biraadha. Yoo abdii kutatte kufaatii filachuu keetii. Yoo abdii qabaatte garuu kufaatiin mudannoo keeti. Mudannoo irraa muuxannootu dhufa. Muuxannoo yoo qabaatte hojii kamillee milkaa'inaan xumuruu dandeessa.

โ Kufuun kee gaariidha; sababni isaa kufaatiin irree si jabeessudha. Jireenyi akka muuziqaati. Muuziqaan meeloodiin isaa takka ol ka'a, takka gadi bu'a akkasumas giddu galeessaan yeedaleeffamuun muuziqaa miidhagaa fi hawwataa ta'a. Jireenyi dhala namaas akkasumaan tola. Waa'ee maallaqaa hin yaadda'in, Yoo mul'ata qabaatte wanti hundinuu yeroo isaa eeggatee si dhaqaba.

โ Jechoota jijjiiramaaf si qopheessu baay'inaan argachuuf channeli kana join godhi! Ittiin of jijjiirii! Akkasumas namoota kanneen biroof share godhi!

Halkaan gaarii @Jechootahayyoota yaada kessaan comment jalatti nuf kennuu hin dagatina๐Ÿ™โค๏ธ
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
GUFUULEEใ€ฐ๏ธ MILKAA'INAAโ—๏ธ

1. Ofittummaa
2. Sodaa kufaatii
3. Karoora qabatamaa qabaachuu dhabuu
4. Galmaawwan beekamoo qabaachuu dhabuu
5. Jijjiirama haala jireenyaa
6. Waan har'a hojjechuu dandeenyu yeroo biraatti dabarsuu
7. Hanqina karoora/qarshii
8. Ittigaafatamummaa maatii
9. Waan tokko irratti xiyyeefachuu dhabuu
10. Faayidaa yeroof jennee mul'ata ykn kaayyoo keenya dagachuu
11. Qofaa keenya hedduu hojjechuu
12. Humna ofii ol yaaduu
13. Kutannoo qabaachuu dhabuu
14. Leenjii barbaachisaa qabaachuu dhabuu
15. Sabrii dhabuu
16. Filannoo beekama ykn qabatamaa dhabuu

Waliif #Share godha
           Galatoomaa!๐Ÿ™

#Waan dubbiftaniif galatoomaa!!!
#Share Join๐Ÿ‘‡
๐Ÿ›’ @Jechootahayyoota ๐Ÿ””
๐Ÿ›’ @Jechootahayyoota ๐Ÿ””
                    ๐Ÿ‘†
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Jiraachaa hojjadhu

Har'a jiraachaa hojjadhu malee hojjachaa hin jiraatin. Yeroon milkaa'en jiraadha jechuun Doofummaadha. Namni tokko tokko har'a osoo hin jiraatin qarshi (birr) argachuuf jecha fayyaa ofii nii dhaba. Yeroo qarshii argate san immoo fayyaa argachuuf jecha qarshii argate sana nii dhaba. Milkaa'inni isaa kufaatidha. Deeme deeme dhumarratti zeerodhaan (0) baay'isa. Ati garuu nama jiraachaa hojjatuudha kaayyoo akkana hin qabdu jedheen yaada.


@JECHOOTAHAYYOOTA
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Namoonni baay'en obsa akka Gowwummaatti ilaalu. Akkas osoo hin taane, obsi ilaalchaf dandeettii fageessanii yaaduti.
akkasumas wallaalanii osoo hin taane, osoo beekanuu irra darbuudhas. Namoonni yakka hojjatanii waggaa 5 fi isaa ol akka hidhaman kan itti murteeffamu, daqiiqaa 20 ykn 30f obsuu dadhabaniiti.

Jireenya kee keessatti Guyyoonni akka ati abdii kuttuu fi akka ati of jibbitu si taasisan baay'etu jira. Guyyoota kana yoo obsaan bira dabarte malee, duubattii deebi'uun zeeroo irraa eegalta.
Kanaafuu obsuu qabda.

@JECHOOTAHAYYOOTA
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Gorsษ‘ Jireenyษ‘ keenyษ‘ keessษ‘tti nu fษ‘yyษ‘du.

1 Gorsษ‘ lษ‘kkoofsษ‘ 5 irrษ‘ ilษ‘ษ‘li

2 Dhiifษ‘mษ‘ dogoggoreeti lษ‘kkoofsษ‘ 11 irrษ‘ illษ‘ษ‘li

3 Mee ษ‘l tokko hin dheekkษ‘min lษ‘kkoofsษ‘ 15 irrษ‘ ilษ‘ษ‘li

4 Tษ‘sgษ‘bbษ‘ษ‘'i Lษ‘kkoofsษ‘ 13 irrษ‘ isiniif jirษ‘ษ‘

5 Durษ‘ษ‘n dursee lษ‘kkoofsษ‘ 2 ilษ‘ษ‘lษ‘ษ‘

6 Mษ‘ษ‘ltu si ษ‘ษ‘rsษ‘ lษ‘kkoofsษ‘ 12 irrษ‘ ilษ‘ษ‘li

7 Dubbisuun guutuu nษ‘mษ‘ godhษ‘!.

8 Gorsin jechuuf bษ‘rbษ‘ษ‘de lษ‘kkoofsษ‘ 14 irrษ‘ jirษ‘

9 Obsษ‘ษ‘n lษ‘kkoofsษ‘ 4 irrษ‘ ilษ‘ษ‘lษ‘ษ‘

10 Isษ‘ dhumษ‘ษ‘ lษ‘kkoofsษ‘ 16 irrษ‘ ilษ‘ษ‘lษ‘ษ‘

11 Dhiifษ‘mษ‘ guddษ‘ษ‘ lษ‘kkoofsษ‘ 6 ilษ‘ษ‘lษ‘ษ‘ mษ‘ษ‘l jedhษ‘?

12 Mษ‘ษ‘loo lษ‘kkoofsษ‘ 8 irrษ‘ ilษ‘ษ‘lษ‘ษ‘

13 ษ‘bdii hin kutinษ‘ษ‘ lษ‘kkoofsษ‘ 10 irrษ‘ isiniif jirษ‘

14 ษ‘kkษ‘m ษ‘kkษ‘n isiniin jedhu hin beeku cษ‘llisษ‘ษ‘tii lษ‘kkoofsษ‘ 3 irrษ‘ bษ‘rbษ‘ษ‘dษ‘ษ‘

15 ษ‘kkษ‘ dheekkษ‘mtษ‘n nษ‘ษ‘f gษ‘lษ‘ gษ‘ruu lษ‘kkoofsษ‘ 9 irrษ‘ษ‘ ษ‘rgษ‘ttu

16 Obsษ‘ keessษ‘niif heddun isin gษ‘lษ‘teeffษ‘dhษ‘ Gorsichi lษ‘kkoofsษ‘ 7 irrษ‘ isiniif jirษ‘!.

Shษ‘re

แŽฝแŽฌแ’แŽพแŽพ แŽถแŽชแŽชแ’แŽฅแŽฅ

@JECHOOTAHAYYOOTA
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
๐€๐›๐๐ข๐ข ๐ก๐ข๐ง ๐ค๐ฎ๐ญ๐š๐ญ๐ข๐ง๐š๐š!
๐ด๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘›๐‘ข๐‘ก๐‘– ๐ด๐‘๐‘‘๐‘–๐‘– โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘˜๐‘ข๐‘ก๐‘Ž๐‘›๐‘›๐‘’๐‘’๐‘“, ๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘Ž ๐‘Ž๐‘๐‘‘๐‘–๐‘– ๐‘›๐‘ข๐‘ก๐‘ก๐‘– โ„Ž๐‘œ๐‘Ÿ๐‘ข๐‘ข๐‘› ๐‘“๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘›๐‘ฆ๐‘Ž ๐‘›๐‘ข๐‘ข๐‘“ ๐‘ก๐‘Ž'๐‘Ž๐‘› ๐‘™๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘Ž ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž!
1, ๐‘จ๐’ƒ๐’Š๐’“๐’‚๐’‰๐’‚๐’Ž ๐‘ณ๐’Š๐’Š๐’๐’Œ๐’‚๐’‚๐’.
dhalatee waggaa 21ffaa isaatti daldala eegalee kisaaran isa mudate. ๐‘ฎ๐’‚๐’“๐’–๐’– ๐‘จ๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’๐’๐’†!
๐Ÿ‘‰ Dhalatee waggaa 22ffaa isaatti immoo mana maree seera murtuuf hirmaatee hin milkoofne ๐‘ฎ๐’‚๐’“๐’–๐’– ๐‘จ๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’๐’๐’†!

๐Ÿ‘‰ Dhalatee waggaa 26ffaa isaatti jaalalleen isaa biraa boqotte ๐‘ฎ๐’‚๐’“๐’–๐’– ๐‘จ๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’๐’๐’†!

๐Ÿ‘‰Dhalatee waggaa 27ffaa isaatti dhukkuba narviitiin qabamee baayyee dhukkubsatee ture ๐‘จ๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’š๐’š๐’–๐’– ๐‘จ๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’๐’๐’†!

๐Ÿ‘‰Dhalatee waggaa 34ffaa isaatti immoo Koongireesii Ameerikaaf dorgomee utuu hin milkaa'in hafe ๐‘ฎ๐’‚๐’“๐’–๐’– ๐‘จ๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’๐’๐’†!

๐Ÿ‘‰Dhalatee, waggaa 45ffaa isaatti akkasuma mana maree bakka bu'oota uummataa bakka bu'ee dorgomee kufe ๐‘ฎ๐’‚๐’“๐’–๐’– ๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’” ๐‘จ๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’๐’๐’†!

๐Ÿ‘‰Dhalatee, waggaa 47ffaa isaatti itti aanaa pireezidantii Ameerikaa dorgomee kufe ๐‘จ๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’” ๐‘จ๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’๐’๐’†!

๐Ÿ‘‰Dhalatee, waggaa 49 isaatti mana maree bakka bu'oota Uummataa dorgomee kufe ๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’” ๐’‚๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’๐’๐’†!

๐Ÿ‘‰Dhalatee, waggaa 52ffaa isaatti ๐๐ข๐ซ๐ž๐ž๐ณ๐ข๐๐š๐ง๐ญ๐ข๐ข ๐€๐ฆ๐ž๐ž๐ซ๐ข๐ค๐š๐š ๐ญ๐š'๐ž๐ž ๐ฆ๐ฎ๐ฎ๐๐š๐ฆ๐ž. แตƒแต‡แตˆโฑโฑ แตแต˜แต—แตƒโฟโฟแตƒแตƒหข แตƒแต‡แตˆโฑโฑ แตแต˜แต—แตƒแถœสฐโฑโฑหขแต‰!

2, ๐Œ๐š๐š ๐ฒ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐€. ๐Š. ๐€ ๐‰๐š๐œ๐ค ๐Œ๐š๐š dureessi biyya chaayinaa kun yeroo heedduu kufaati keessummeessun nama beekamu kan tureedha.

๐Ÿ‘‰Barumsa sadarkaa 1ffaa yeroo baratu al-lama kufe ๐‘ฎ๐’‚๐’“๐’–๐’– ๐‘จ๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’๐’๐’†!

๐Ÿ‘‰Barumsa sadarkaa 2ffaatti yeroo sadii kufe ๐‘จ๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’” ๐‘จ๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’๐’๐’†!

๐Ÿ‘‰Seensa Yuunivarsiitii Hangizyuu tiif qoramee yeroo sadii kufe ๐‘จ๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’” ๐‘จ๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’๐’๐’†!

๐Ÿ‘‰Yuunivarsiitii Harvardiitti barachuuf yeroo kudhan (10)n iyyate kurnanuu jalaa kuffisan ๐‘จ๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’” ๐‘จ๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’๐’๐’†!

๐Ÿ‘‰Erga Barnoota xumuree booda yeroo soddoma qacaramuu dhaqee, hunduu fudhatama dhabe ๐‘จ๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’” ๐‘จ๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’๐’๐’†!

๐Ÿ‘‰Dhaabbanni KFC jedhamu namoota 24 dorgomsisee yommuu turetti, namoonni 23 darbanii inni qofti kufe ๐‘ฎ๐’‚๐’“๐’–๐’– ๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’” ๐‘จ๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’๐’๐’†!

๐Ÿ‘‰Humna waraanaa keessa seenanii hojjechuuf namoota shan (5) ta'anii iyyatanii turan; garuu afur (4) darbanii inni qofti kufe ๐‘ฒ๐’–๐’๐’Š๐’” ๐’‚๐’ƒ๐’…๐’Š๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’Œ๐’–๐’•๐’‚๐’„๐’‰๐’Š๐’Š๐’”๐’๐’†.
๐”พ๐•’๐•ฃ๐•ฆ๐•ฆ ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ ๐‘Ž๐‘š๐‘š๐‘Ž๐‘Ž ๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘จ๐’ƒ๐’ƒ๐’‚๐’‚ ๐‘ธ๐’‚๐’ƒ๐’†๐’†๐’๐’š๐’‚๐’‚ ๐‘ฉ๐’Š๐’š๐’š๐’‚ ๐‘ช๐’‰๐’‚๐’‚๐’š๐’Š๐’๐’‚๐’‚๐’‡๐’Š ๐‘ฏ๐’–๐’๐’…๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’‚ ๐’…๐’‰๐’‚๐’‚๐’ƒ๐’ƒ๐’‚๐’•๐’‚ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ฑ ๐Ÿ‡ฎ ๐Ÿ‡ง ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ง ๐Ÿ‡ฆ ๐’•๐’Š

๐Ÿ‘‡
๐™ฐ๐š‹๐š๐š’๐š’ ๐š”๐šž๐š๐šŠ๐š—๐š—๐šŠ๐šŠ๐š— ๐š”๐šŠ๐š— ๐š‘๐š’๐š’๐š”๐šŠ ๐šš๐šŠ๐š‹๐šŠ๐šŠ๐š๐šž ๐šข๐š˜๐š˜ ๐š—๐šž๐š๐š’ ๐™ฐ๐š‹๐š๐š’๐š’ ๐š”๐šž๐š๐šŠ๐š—๐š—๐šŽ๐šŽ๐š๐š‘๐šŠ ๐š–๐šŠ๐š•๐šŽ๐šŽ, ๐šŠ๐š‹๐š๐š’๐š’ ๐š”๐šž๐š๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž ๐šข๐š˜๐š˜ ๐š‘๐š’๐š— ๐š”๐šŽ๐šŽ๐šœ๐šœ๐šž๐š–๐š–๐šŽ๐šŽ๐šœ๐šœ๐š’๐š—๐šž ๐š๐šŠ'๐šŽ๐šŽ, ๐™ฐ๐š‹๐š๐š’๐š’ ๐š”๐šž๐š๐šŠ๐š—๐š—๐šŠ๐šŠ ๐ป๐‘–๐‘–๐‘˜๐‘Ž ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘ข๐‘ข ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘›๐‘ฆ๐‘Ž!

Galatoomaa!
Join for more:
@JECHOOTAHAYYOOTA YAADAF๐Ÿ‘‰ @besilent12
Eenyummaa-keetiif, Bakka Guddaa kenni!

Namichi Edinberg jiraatu, kan kophee hodhu tokko guyyaa hundumaa yeroo hirribaa ka'u akkana jedhee kadhata. "Yaa waaqayyo ofii-kootiif akkan iddoo guddaa kennuuf na gargaari!" Jedha ture.

Eeyyee! Namni kam iyyuu milkaa'inaaf gammachuu gonfachuu yoo barbaade, jalqaba irratti eenyummaasaatiif bakka guddaa kennuu qaba. Kana gochuuf tarkaanfiin jalqabaa sammuu ofii keessatti of ajaa'ibsiifachuudha. Kana booda ofitti amantaa horachuu nama dandeessisa.

Namni maqaan isaa Wadirow Wiilsen jedhamu, barreessaa beekumsa walii-galaa kan ta'e dhimma eenyummaa ofii fudhachuu ilaalchisee hima miidhagaadhaan yommuu ibsee akkas jedhe, "Eenyu iyyuu hirkataa miti; sababni isaa qofaa fiiguu danda'a" jedheera.

Kanaafuu, eenyummaa ofii-tiif bakka guddaa qabaachuun barbaachisaadha, furmaata filannoo biraa hin qabneedhas!


Shษ‘re  

แŽฝแŽฌแ’แŽพแŽพ แŽถแŽชแŽชแ’แŽฅแŽฅ

@Oromotoo
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
D๐™๐™–๐™ก๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™š๐™ ๐™š๐™ง๐™–๐™–!

Minilik bara isaatti mootii ture.
Bara sana impaayera Itoophiyaa ijaaree, bulchee jiras.
Bara isaatti injifannoowwan heddus gonfatee jira(namoota inni hoogganuun ta'us).

Amma garuu Minilik ekeraadha. Kan nama gaddisiisu du'uu isaa namoonni amananii hin fudhanne ammas ni jiru.
Ekeraa faarsaa,sagadaa fi waaqessaa jiraatan jiru.
Dhaloonni ekeraa faarsee sagaduuf silas ekeraadhuma.

Dhaloota ekeraa!

@Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Jarr ๐Ÿค)
hordoftoota Amantaa Musliimaa Martuu Baga Ayyaana Iid Al-fixrii 1445ffaa geessan.

Ayyaanni kun kan jaalalaafi gammachuu kan tokkumaa akka isiniif tahu hawwina.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
#JIJJIRAMNII_JIRA.

โœ๏ธDur dur daa'imaa ta'ee waanti ani yaaduu waan daa'iima waan xixiqqoo uffata bitaachuu, meeshaalee ani ittiin taphadhuu akka naaf guutamuuf maatii kadhachuu.....fi kkf gochaan ture.
Amma garuu ani daa'imaa miti har'a nama waan baayyee argeedha, nama waggoota didgamoota jalqaba  lakkoofsisuu eegaleedha. Kanaa jechuun jijjiramnii koo kan bara 1996, 2006, fi 2016 hundisa baay'ee gargaarii.

โœ๏ธJijjiramnii kun garuu kan na gammachiisuu moo kan na gaabbisissudha kan jedhu gaaffii bira ani of gaafachu qabudha akkasumas isiniis dabalatee.

โœ๏ธKanaaf yeroo kamiyyuu, haala kamiyyuu keessatti jireenya keenya guyya guyyaa hunda keessatti jijjiiramni akka jiru beekuun barbaachisaadha. Garuu jijjiramnii nurratti dhufuu sun bu'aa qabeessa kan ta'ee gochuu kan danda'uu immoo unumaa mataa keenya akka ta'ees  yaadaatti qabachuun barbaachisaadha.

"WAANUMA FEDHEEFU JIJJIRAMNII JIRA."

Nagaan oola.
#AA, DHA Yuunivarsiitii Dirree irraa.

Join ๐Ÿ‘‡
@harargetub
@harargetub
#Reposted

#Mul'ata koo jiraachuuf

"Onnee namaa keessa duwwaan mul'ati qofti guutuu danda'u jira."

Magaalaa tokko keessa sooressi maatii isaa irraa qabeenya dhaale tokko akka ture himama.  Namichi kun qarshii gahaa yeroo barbaadetti hamma barbaade baasuu danda'u qaba ture.  Mana bareedaa, konkolaataa bareedaa fi wantoota jireenya nama tokko barbaachisu guutuu qaba ture.  Jireenya mijataa kana keessa waggoota hedduu jiraate.  Haa taโ€™u malee jireenyi marsaa jireenyaa irra deddeebiโ€™uu taโ€™eera.  Nyaata, dhugaatii, hiriyyoota isaa waliin taphata, gara manaatti deebi'ee, rafee, ganama deebi'ee ka'a.  Guyyaa itti aanutti akkasuma irra deebi'ee godha.  Hiriyyoota hedduu qaba.  Namichis marsaa jireenyaa kana dadhabee burjaaja'e.  Gaaf tokko yeroo rakkoon miiraa isaa olka'aa ta'etti "of ajjeesuufan jira" jedhee murteesse.

Akkamitti of ajjeesuu akka danda'u yommuu yaadu riqichi guddaan naannoo sana akka jiru yaadate.  Bakka riqichi sun jiru dhaqee of darbachuun of ajjeesuu deeme.  Riqicha olkaโ€™aa sodaachisaa sanaa qarqara dhaabatee of darbachuuf osoo jiruu, sagaleen tokko akka tasaa yaada isaa hate.  Sagalee daa'imaati. Yeroo Garagalee ilaalu daa'ima tokko arge.  Daa'imni kun baay'ee dhukkubsatee jira. Daa'ima kana eenyu akka achitti dhiise hin beekamu.  Namichi of ajjeesuuf jedhu kun mucaa kana yeroo sirriitti ilaalu, beela irraa kan kaโ€™e daa'imnichi akka huuqqatee fi of dadhabee jiru arge, baayโ€™ees gadde.  Innis garaa isaatti "Mee guyyaa tokko illee daa'ima hiyyeessa kana hangan du'utti haa nyaachisu" jedhee yaade.  Kanaaf, beellama of ajjeesuu isaa yeroo biraatti dabarse.

Daa'ima kana harkatti qabatee ol kaasee, qaama isaa dhiqee, akka gaariitti nyaachisee, bishaan obaase, achiis gara karoora of ajjeesuutti deebi'uu itti fufe.  Garuu karaa irra osoo deemuu "haala daa'ima kanaa irraa ija koo baasuu hin danda'u" jedhe.  Innis "Erga ani du'ee booda eenyutu daa'ima kana nyaachisa?"  Guyyaa tokko qofa keessatti fuullisaa ni fayye.  Kana erga yaadee booda daa'ima dhiisee deebi'ee nyaachisuuf bakka inni dhufeetti deebi'e.  Guyyaa biraa itti dabale.  Guyyaa biraas deebisee isa nyaachise.  Kana jechaa guyyoota muraasaaf erga nyaachisee booda mucaa sana yommuu argu lubbuun isaa deebite.  Amma sooressi kun yeroo deebi'ee of ajjeesuu yaaduu eegalu egeree mucaa kanaa ol ilaaluu eegala.  Gurbaan kun guddatee sadarkaa gaarii irra akka gahu arguuf hawwuu jalqabe.  Jiraachuuf fedhii guddaa kan qabu.  Hiika ittiin jiraatu argateera.  Sana booda lammata waa'ee of ajjeesuu yaaduu hin dhiise.

- Namni tokko kan kisaaru yeroo daldalli tokko kufe osoo hin taane, yeroo mul'ata isaa dhabe...

- Namni tokko kophummaa kan itti dhagahamu yeroo kophaa isaa osoo hin taane, yeroo mul'ata dhabe...

- Namni tokko namoota biroo irraa waan xiqqaa ta'eef osoo hin taane, yeroo mul'ata isaa dhabe gadi bu'uun itti dhaga'ama...

- Namni yeroo daandii dhabe osoo hin taane, yeroo mul'ata dhabe kan burjaaja'u...

- Namni gaaffii deebii hin qabneen guutamu gaafa deebii dhabe osoo hin taane, yeroo mul'ata dhabe...

- Namoonni hojii dhaban yeroo hojii dhaban osoo hin taane, yeroo mul'ata dhaban...

Burjaajiin amma keessa jirtan, muddama fi rakkoowwan biroo furmaata hin arganne fakkaatan mul'ata keessan beektanii gara fuulduraatti tarkaanfachuu yoo jalqabdan hamma isin miidhuu hin dandeenyetti furmaata argachuu ykn hir'achuu akka danda'an hin dagatinaa.

Jiraachuuf fedhii guddaa akka qabaattutti hiika ittiin jiraattu argadhu.
@harargetub
@harargetub
     
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Jarr ๐Ÿ‘จโ€๐Ÿ’ป๐Ÿ’ค โœŠ)
#DUBBIIWWAN_ABRAHAAM_LIINKAAN_GURGUDDOO !
~
1) Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u.
2) Hiriyyaan koo nama hundumaarra naaf caalu, Nama kitaaba ani hin dubbisne naaf kennedha.
3) Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu.
4) Waan feete ta'i; garuu itti cimi.
5) Akaakayyuunkoo eenyu akka ta'e hin beeku; ilmi ilma isaa eenyu ta'uuf, ta'uuf akka jirutu na dhiba.
6) Michuun kee nama diina ati qabdu qabuudha.
7) Waan har'a hojjechuu qabdu kamuu boriif hin kaa'iin.
8) Nagaa yoo feete beekamtummaa irraa of fageessi.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Nama affeeruu qofaan qarshii hojjedhaa. Nama tokkoon qarshii tokko kaffalaa kan ture, Utopet amma nama tokkoon qarshii lamatti ol guddiseera. Kanfaltii isaas karaa Telebirr Qarshii 25 yommuu guutu baafachuu dandeessu, ammuma eegalaa!

100% dhugadhaa Eegalaa.

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

https://www.tg-me.com/Utopet_bot?start=r03531111220
2024/07/20 05:43:14
Back to Top
HTML Embed Code: