Warning: file_put_contents(aCache/aDaily/post/ABDII_SABAA/-18077-18078-): Failed to open stream: No space left on device in /var/www/tg-me/post.php on line 50
ABDII SABAA | Telegram Webview: ABDII_SABAA/18078 -
Telegram Group & Telegram Channel
Rakkoolee Barattootni Yuunivarsitii Hawaasaa mooraa Awaadaa miidiyaa @Abdii_asabaa f dhiheessan

Barattoonni Yuunivarsitii Hawaasaa, mooraa Awaadaa rakkoolee gurguddoo qaban miidiyaa @Abdii_asabaa f ibsaniiru. Barataa eenyummaan isaa akka hin dhahamne barbaade tokkoo, rakkoon kunnniin haalaa barnootaa fi jireenya isaaniif rakkisaa ta’uu isaa dubbate.

Rakkooleen barattootaan Ka’an:

1. Nyaata Dhabuu:
Ministeera Barnootaa gatii mallaqa nyaataa haaraa labseera, ta’us meenuu nyaataa ilaalchisee kan ministerri barnootaa ifoomsee fi kan moorichi ittiin dhiheessan kan Wal hin ginnedha.haalli kun ammoo barattoota miidhaa jira jedhameera

2. Rakkoo Fayyaa fi Mana Yaalaa:
Yeroo barataan mana yaalaa mooraa seenu, qoricha alaa (pharmacy ) mallaqaa keetiin bitadhu jedhamuun barataatti himama. Haala kanaan furmaata fayyaa dhabuun barattoota rakkisaa jira. Akka barataan nu dubbise ibsetti “erga mooraa kana seennee gonkumaa dhibee feete dhibamtee Mana yaalaa yeroo deemte qoricha alaa maallaqa keetiin bitadhu siin jedhu, iddoo nu jirru jechuun damee saayinsii Hawaasaa mooraa awaadaati dhukubni bussa barattoota irra deddeebi’ee miidhaa jira, barattoonni yaalaa gahaa ta'e argachuu dhabuun rakkacha jiru”

3. Bishaan Dhabuu:
Bishaan mooraa Yuunivarsitii Hawaasaa baay’ee xiqqaadha. Haalli qilleensaa ammoo hoo’aadha, “dhimmi bishaan Ammoo dhimma hunda caalaa rakkisaa ta'edha haalli qilleensaa baayyee ho’a waan ta'eef shaaworiin dura yeroo nu mooraa kana sennu irraayyuu gonkumaa hin jiru, dhiheenya kana garuu duraan baaldii fayyadamnee shaaworii fudhachaa turre Amma bishaan baduun baayyee rakkachaa jirra”

4. Ifaa Dhabuu:
“Ifaan mooraa kanatti guyya ni jira jedhame guyyaatti yeroo Kudhan badaa deebi'a, yeroo baayyee yoo bade osoo hin deebi'in guyyaa lamaafi sana oliif tura” jechuun barattoonni komii qaban dhiheessaniiru.

Rakkooleen haala baruuf barsiisuufi jireenya barattoota Yuunivarsitii biyyattii keessatti argaman huban , kan akka nyaata, fayyaa, bishaan, fi kanneen kana fakkaatan qaama dhimmi ilaallatuun furmaati akka kennamu barattoonni irra deddeebiin gaafatu. Rakkoowwan kunniin rakkoo mooraa Yuunivarsitiilee biyyattii hedduutti mullatudha!

Mooraan keessan rakkoo walfakkaataa qabaa? Bakka yaadaatti katabaa.

#Hawaasaa

Rakkoo hawaasa keessa jiru kamiif karaa @Abdiisabaadm ragaa waliin qindeessuun nuuf ergaa!! Dabalataan qaamni dhimmi ilaallatu kamuu komii hawaasaa miidiyaa @Abdii_Sabaa irratti maxxanfamu kamiif deebii keessan ragaawwan dhimmichi akka isin ilaallatu mirkaneessan nuuf erguun karaa @Abdiisabaadm nu qunnamtanii komii ka’uuf ibsa ga’aa Kennuu ni dandeessu.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa miidiyaa maraati, miidiyaan @Abdii_Sabaa miidiyaa furmaataafi Walabaati!

Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf
@Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡

tg-me.com/ABDII_SABAA/18078
Create:
Last Update:

BY ABDII SABAA

Share with your friend now:
tg-me.com/ABDII_SABAA/18078

View MORE
Open in Telegram

ABDII SABAA Telegram | DID YOU KNOW?

Date: |

For some time, Mr. Durov and a few dozen staffers had no fixed headquarters, but rather traveled the world, setting up shop in one city after another, he told the Journal in 2016. The company now has its operational base in Dubai, though it says it doesn’t keep servers there.Mr. Durov maintains a yearslong friendship from his VK days with actor and tech investor Jared Leto, with whom he shares an ascetic lifestyle that eschews meat and alcohol.

The Singapore stock market has alternated between positive and negative finishes through the last five trading days since the end of the two-day winning streak in which it had added more than a dozen points or 0.4 percent. The Straits Times Index now sits just above the 3,060-point plateau and it's likely to see a narrow trading range on Monday.

ABDII SABAA from us

Telegram ABDII SABAA
FROM USA