Telegram Group & Telegram Channel
Seenaa Baroo Tumsaa

Kutaa 1ffaa

An Oromo Politician
(1942-1977) sabboonaa Oromoo fi qabsaawa mirga
namummaa ti. Baaron kabajamuu mirga Oromootif falmaa
kan ture yoo ta'u qabsoorratti lubbuunsaa dabarte.
Seenaa Isaa
Baaroo Tumsaa bara 1942 Lixa Oromiyaa godina Wallagga
Lixaa naannoo Gimbii ganda karkarroo jedhamtu keessatti
abbaasaa obbo Tumsaa Silgaa fi harmeesaa aadde
Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate.
Abbaansaa fi harmeensaa walitti aansuun du’aan irraa adda
baanaan Baaroon obbolootasaa lamaan Raaheel fi
Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe.
Yeroo sanatti obboleessi isaa obbo Guddinaa Tumsaa
hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan
turaniif, qophummaa obboleessasaanii jibbuudhaan dhaqanii
bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti isa fidan.
Barnoota Isaa
Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi lammafaa
achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda,
barumsasaa sadarkaa olaanaammoo kolleejjii Waldaa
Makaana Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure. Itti
aansuudhaan Yuunivarsiitii Finfinnee seenudhaan barnoota
faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti
fuufuudhaan utuu hinturiin yunivarsiitichumarraa seeraan
digiriisaa jaaalqabaa fudhate. Baaroon egaa turtiisaa
yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin
waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota
kutannoodhaan saba isaaniif qabsaa’aa turanis sadarkaa
garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen Oromoo muummee
barnoota addaa addaarratti ramadamtee akka biyyaasheef
hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965
waldaa Yunivarsiitii kolleejjii Finfinnee irratti pirezidaantii
ta’uudhaan hojjete. Bara 1966 immoo waldaa waliigaltee
Yuunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa ta’uudhan hojachaa
ture.
Qabsoo Keessa Seenuusaa
Baroota kana keessatti baay’inni barattoota Oromoo
yuunivarsiitii keessatti haa xiqqaatuyyuu malee, warruma
jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo
kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Wal’aansoon
barattoota yuunivarsiitiin jalqabame kun utuu hinturiin ifatti
ba’uudhaan namoota hedduu sochooseera. Sochiin kunis
kana qofaaf utuu hintaane, uummanni Oromoo akka inni
mirgasaaf falmatuuf karaa baaseera. Baaroon itti
fufuudhaan namoota paarlaamaa keessa hojjetanii wajjin
wal argee mariyachuun warra akka Maammoo Mazammirfaa
wajjin ta’uun Waldaa wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa
keessatti mormii fiyuudalizimii baadiyyaa keessattis
baballisuun sochii mormii bara 1966 keessa turerratti haala
mijeessuun shoora olaanaa taphatera.
Finfinneefi magaalota kanbiroo keessatti yaada ‘lafti
qoteebulaaf’ jedhu irratti dargaggoota hedduu
gurmeessuudhaan bittaan warra nafxanyootaa akka
gabaabbatu taasisuuratti gumaacha guddaa taasiseera.
Wallaansoon bara 1966 ka’e kun duula guddina waliin jedhu
uumee keessumaayyuu naannoo Oromiyaa keessatti
fudhatama argateera. Fudhatama argachuusaatiif
sababnisaa Baaroo ture. Baaron goota humna dargaggootaa
ijaaruun sirna Nafxanyootaa barbadeessuuf kutatee ka’e
ture.
Baaroon bara 1966 barnootasaa erga xumuree booda biiroo
eegumsa fayyaatti miindefamee hojjechuu jalqabe. Waajjira
kana keessa amma turetti loogii bara dheeraaf mana hojii
sana keessaa ture qorachuudhaan qajeelfama ture sana
jijjiiree namoota hedduudhaaf bu’aa ta’eera. Sobdootaafi
warreen malaamaltummaadhaan jiraatanis qaanessaa
tureera.
Haalli Baaro ofi garee hojjetootaa kanaa namoonni itti
hintolin Baaroo hojiirraa ariyani. Miindaasaarra ariyatamuun
cinatti akka shororkeessituu addaatti fudhatamee tureera.
Haata’u malee dabni irratti raawwate kun Baaroon
wallaansoosaatti akkanni cimu isa taasise malee dugda
duubatti isa hindeebifne. Yeroo mara mootummaan bara
sanaa Oromoorratti miidhaa dhoksaa waan taasisuuf, akka
sabni Oromoo walitti dhufanii mariyatan waan
hinbarbadneef Waldaan Maccaafi Tuulamaa akka cufamu
taasisaniiru. Kun kan isa gaddisiise Baaroon ummanni

tg-me.com/keenyaantube/10
Create:
Last Update:

BY Keenyaan Tube

Warning: Undefined variable $i in /var/www/tg-me/post.php on line 283

Share with your friend now:
tg-me.com/keenyaantube/10

View MORE
Open in Telegram

Keenyaan Tube Telegram | DID YOU KNOW?

Date: |

Why Telegram?

Telegram has no known backdoors and, even though it is come in for criticism for using proprietary encryption methods instead of open-source ones, those have yet to be compromised. While no messaging app can guarantee a 100% impermeable defense against determined attackers, Telegram is vulnerabilities are few and either theoretical or based on spoof files fooling users into actively enabling an attack.

What is Telegram Possible Future Strategies?

Cryptoassets enthusiasts use this application for their trade activities, and they may make donations for this cause.If somehow Telegram do run out of money to sustain themselves they will probably introduce some features that will not hinder the rudimentary principle of Telegram but provide users with enhanced and enriched experience. This could be similar to features where characters can be customized in a game which directly do not affect the in-game strategies but add to the experience.

Keenyaan Tube from no

Telegram Keenyaan Tube
FROM USA