Telegram Group Search
#Rufeeydaa

๐ˆ๐’๐‹๐€๐Œ๐ˆ๐‚ ๐Œ๐„๐ƒ๐ˆ๐€ Waxx. 02/2016
Faawundeeshiiniin Dubartoota Rufeeydaa damee Wallaggaa barattoota isaa Yeroo dheeradhaaf barsiisaa ture guyyaa hardhaa magaalaa Naqamteetti bakka Keessummoonni fi Maatiin eebbifamtoota argamanitti Diploma In Islamic Study jedhuun eebbisiseera.

Eebbiffamtootaan baga gammaddaan, baga milkooftaan isaaniin jenna

Congratulations
#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
๐Ÿ‘‰ www.tg-me.com/ethioislamicmedia
Yeroo jalqabaatiif akka Addunyaatti Taaksiin qilleensarra balaliโ€™u Saโ€™uud Arabiyaatti eebbifameera.

Mootummaan Saโ€™uudii Muslimoota Sirna Hajjii raawwataniif haala mijeessuuf Taaksii humna ifaatiin sochoโ€™u,kan oofinsa namaatiin malee balaliโ€™u guyyaa harโ€™aa eebbiftee oolte.

โ€œTaaksiin balaliโ€™uโ€ meeshaa geejjibaa isa nageenya qabu, amanamaa fi mijaawaa kan taโ€™ee fi iddoowwan (Akka Arafaa,Mina,Muzdalifaa,Al-Mashโ€™aral Haramโ€ฆ) jidduu deddeebisuu fi namoota sirna Hajjiitiif dhufan dirree Xayyaaraa irraa fuutee hoteela kan geessituu dha.

Akkasuma bal*aa tasaa dhaqqabuuf, meeshaalee yaalaa geejjibsiisuu fi akkasumas meeshaalee karaa xiyyaara geejjibsiisuun tajaajiloota hedduu kennuudhaan adda taโ€™a.

Haala kanaan addunyaa irratti โ€œtaaksii qilleensaaโ€ isa jalqabaa taโ€™ee galmaaโ€™eera.
Forwarded from KENNAA
๐ŸŒบ๐ŸŒบ๐ŸŒบQOOSAA๐ŸŒบ๐ŸŒบ๐ŸŒบ

๐Ÿ™โ€โ™‚๐ŸŒน๐ŸŒนAbbaa manaa๐ŸŒน๐ŸŒน. Fi ๐Ÿคฆ
โ€โ™€๐ŸŒน๐ŸŒนHaadha manaa turan

โ†ฉ๏ธJaarsi halkan hunda ka'ee leeylii salaatee rafa. Jaartiin garuu hirriba guddatti. Yeroo hunda ni kaasa garuu ni diddi!!!!!!!!!

โ†ฉ๏ธWalumaa galatti hirriba jaalatti
Jechuudha!!!!
Inni silaa jaartiin Isaa wajjiin salaattee jaalata.

โ†”๏ธGaaf tokko mala dhawatee akkuma Kanaan duraa kaasee biraa deemee wudu'a godhatee dhufee salaata leeylii isaa jalqabe. Ishiinis akkuma kanaan dura gootuu hirriba ishiitti deebite.

โ™ˆ๏ธHaala niitii Isaa kan hubate namichi dafee salaata xumuratee du'aa'ii osuma godhatuu gara xumuraatti xiqqoo sagalee ol kaasee๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
.
.
..
.
.
.
.
.
.
๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™Yaa Rabbii koo haadha manaa tan leeylii na wajjiin salaattu naaf kenni jedhee kadhachuu jalqabe!
Niitittiinis tasa hirriba keessaa kadhaa tana dhageessee
Iyyuu jalqabde= du'aa'ii Isaa gargar kutee dhaqee yoo maal taate jedhee gaafatu.
.
๐Ÿ‘ฉโ€๐ŸŽคISII
โžก๏ธ๐Ÿ™๐Ÿ™Du'aa'iin sa'aatii kanaa akka kallattiin qeebalamtu ni dagattee?
๐Ÿ‘จโ€โš•ISA
โžก๏ธLakki hin daganne sirrittan beeka!

๐Ÿ™‹ISII
โžก๏ธMarree๐Ÿ’œ Bareedaa koo
Naaf kennii dura naaf qajeelchiin hin duursuu???????

๐Ÿ™‹โ€โ™‚ISA
โžก๏ธSirriidha. Garuu eda naaf qajeelchi jedhee kadhadheen ture. Garuu ati hin jijjiiramne, kanaafan naaf kenniitti darbee kadhadhe!!

๐Ÿ’ISII
โ–ถ๏ธLakki inni eda kadhatteyyuu qeebalamee jira. Arra guyyaa guutuu waa'ee kanan yaadaa oole. Kana booda leeyliin tokkoyyuu akka na hin darbine waadaa galeen ture. Garuu tasa ergan rafee xuriin waan natti dhufeefiin hin ka'ini. Yaadaan sihordofaan jira. Du'aa'iiwwan ati hanga ammaa goote hunda aamiin jechaan ture. Garuu ati boodarra ka na iyyisiisu itti dabalte!!!

๐Ÿ™‹โ€โ™‚ISA
โ–ถ๏ธTole amma ka si gammachiisun kadhadhaa ati aamiin jedhi jedhee...... Akka Rabbiin waliin umrii isaan ibaadaa irratti dheeressu kadhatanii rafan!!

โญโฎJalqabumayyuu qoosaa isinitti himuuf miti qalbii keessan hatee ergaa kana isin biraan gahachiufani!!
Kuni qoosaa miti ergaa fi barumsa guddaa qaba waan ta'eef.
Lakki kolfuun qaba yoo jette xiqqeessii seeqadhu.





@Kennaapost @Kennaapost



T.me/Kennaapost
Akka gabaasa miidiyaalee Saโ€™uud Arabiyaatti; Hujjaajota bara kana sirna Hajjii raawwatan keessaa hanga ammaatti sababa ol kaโ€™iinsa oowwaa fi rukuttaa aduutiin kan duโ€™an 550 gahuu ibsitee jirti. Keessaa 323 lammii masrii yoo tahu,namni 41 ammoo lammii ordon tahuun himameera.

Namnni kuma lamaa ol tahu ammoo haala yaaddessaa fi salphaa keessa kan jiru hospitaalatti argama. Kana jidduu ummata itiyoophiyaa dabalee namni badee hanga ammaatti hin argaminis ni jira.

Namni osoo hajjii ykn umraa irra jiru addunyarraa deeme,guyyaa Qiyaamaa โ€œ Labbeeykallaahumma Labbeyka โ€œ jedhaa akka kaโ€™u Ergamaan Aalamaa Nabi Muhammad himaniiru
ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู…

Ammas Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) akkana jedhan โ€œ; Namni tokko biyya itti dhalateen alatti yoo duโ€™e,adda fageenyi jidduu biyya isaatiif bakka inni itti kufee san herreegamee JANNATA keessaa badhaafama โ€œ jedhan.
ุญุณู†ู‡ ุงู„ุฃู„ุจุงู†ูŠ
Manguddoon Furtuun Balbala Kaโ€™abaa ๐Ÿ•‹ Harka Turtee fi Itti Gaafatamaa Dhimma Kaโ€™abaa Gama Aakiraa Godaanuun Dhagahame

INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEYHI RAAJIโ€™UUN

Dr Sheikh Saalih Al-Sheybiin hortee Gosa Banii Sheybaa jedhamtu,tan Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) amaanaa furtuu Kaโ€™abaa itti kennan irraa kan dhalatee dha.

Akka galmee seenaatti; Furtuun Kaโ€™abaa jarraa 16 dura Abaabayyuu Nabi Muhammad (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) isa shanaffaa kan tahe, Qusayyi Bin Kilaab kan jedhamu harka turte. Ilmaan Qusayyi kanarraa ilmi Sheybaa jedhamu gaafa dhalaterraa furtuun kaโ€™abaa isatti kennamte. Gaafa sanirraa waggaa 1600 irraa hortee Banuu Sheybaa kanatti osoo dabarfamtu jaarraa 16 lakkoofsiftee harโ€™a dhaqqabdee jirti.

Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) gaafa Makkaan bananis amaanaa furtuu isaanirraa hin fuune, akkas jechuun itti jabeessan;โ€ Furtuu tana qabaa yaa Banii Sheybaa. Abadan harkuma keessan haa teessu. Nama jallataa malee namni isin harkaa fuudhu hin jiru โ€œ jedhaniin.

Gaafa sanirraahis qabee Baniin Sheybaa furtuu Kaโ€™abaa qabuu qofa osoo hin taane,Kaโ€™abaa dhiquu,uffata isii yoo moofe irraa jijjiiruu,Warra isii Ziyaaruu dhufu simatuu, Maqaama Nabi Ibraahiim (Aleyhissalaam) tiksuudhaan itti gaafatamummaa guddicha kana harโ€™aan gahaniiru.

Dr Sheikh Saalih Sheybii warroota furtuun Kaโ€™abaa harka turte keessaa Abaabayyuu Ergamaa RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) irraa namaa dhibbaa fi saglaffaati,akka Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) Makkaan banan irraa ammoo nama 77 dha.
Namni kuni yeroo 100 ol Kaโ€™abaa akka dhiqe hima.

Akkasuma namni suuraa isaa argitan kun nama 109 booda Nabi Muhammadiin abbaa tokkorratti walitti deebiโ€™an jechuudha. Harโ€™a ganama gama fuula RABBII deemuun dhagahame. RABBIIN furtuu JANNATAA isaaf haa kennu. Warra Nabi Muhammadiin jannata keessatti wal argu isaan haa taasisu.

ุตู„ูˆุงุช ุฑุจูŠ ูˆุณู„ุงู…ู‡ ุนู„ู‰ ุฃุดุฑู ุงู„ุฃู†ุจูŠุงุก ูˆุงู„ู…ุฑุณู„ูŠู†
Forwarded from KENNAA
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu

Rabbiin warra gaggaarii warruma gaggaariif qooda. Hariiroon siifii Allaah gidduu jirtu bareedduu taanaan Rabbiin namuma bareedaa si badhaasa.


Kun immoo uffannaa fi tolfannaa irratti hin hundaa'u. Bareedinni qalbiidha malee uffataamiti.

Namni keessi tole gubbaanis daran tola, namni keesaatti jallina qabu hangam uffatus hangam fakkeeffatus jallinni irraa mul'ata.

Yaa Obboloota koo , fuudha yaadaa jirtaa ykn heeruma yaadaa jirtaa?.

Ergasiifuu qalbii tee Allaahaaf qulqulleessi, Rabbiin immoo qalbii qulqulluu si badhaasa. Bultii jaaruuf otoo intala/gurbaa janajjanuu hin jalqabne Allaah kee janajjanadhu.

Hanga daqiiqaa 40, 50 ,60...intala/gurbaa jaalattu amansiisuuf torba sagalee jijjiirtee hirriiba dhabdu daqiiqaa 10 qofa qalbii tee as deebisii wudu'a guuttadhuu raka'aa lama qofa salaatii harka kee ol qabadhuu nama diinii fi duniyaa teetiif gaarii ta'e Allaah kadhadhu.

Rabbiin isin haa milkeeysu.



@Kennaapost @Kennaapost


T.me/Kennaapost
2024/06/25 13:07:01
Back to Top
HTML Embed Code: