Dheerate jedhanii
Yoom quba murani
Duudaa gurri duudes
Yoom qaraan urani

Barri darbuu didus
Bara irra hin darbani
Lafti akka bari'uuf
Uumaas hin sardani

Callisanii eeguun falaa
Hamma guyyaan dhufutti
Hanga inni xiiqeeffate
Addub jedhee kufutti!
@FayoFaye

Fayisaa Tasfaa
Dhibbaan dhiibamus, dhiibbaa sana dhiibee, dhiibbaa akkan godhuuf mijachuu dhabus, dhiibbaa natti dhufu humna guutuunan dhiiba.
(Fayisaa Tasfaa)
Gaafa muraasni fiiguu
Kumaatamatu wareera
Dhaabbatteen kachachalin
Daandiitu siif hafeeraa!

Ifa keessa deemnaan
Namuu hin bir'atu
Kan naanneessee yaadu
Sammuun hin hir'atu!

Hin filatin waan badaa
Filannoo danuu qabdaa
Utuu kan siif malu jiruu
Maaliif akkasaa dhabdaa?

Tasa hin firoomfatin
Wanta siif hin malle
Iyyaafadhuutii bari
Warra siif hin galle

Arbeessitee hin ilaalin
Wanta hamma baalaa
Foormulaa kamiinuu
Har'i kaleessan caalaa!

Fayisaa Tasfaa!
Tasa deemsa hin dhiisu
Filadhus yaabbiif qocaa
Mul'ataaf galma kootu
Sammuurraa na waca!
Galma qabattee jirtu gaggalagalchuu irra tooftaa ittiin galmakee sana milkeessitu jijijjiiri!
Yoo Ani.....!

Yoo an fakkeessee bule
Sobas dhugaan jijjiiree
Qulqulluu huuban qabne
Fuudhee dharaan micciiree

Yoo an bira darbe
Arraba sobaan akaa'ee
Namni homaan qabnes
Gochakoon madaa'ee

Yoo an karaarraa kaachise
Nama qajeeltoo fiigu
Isa galma durasaatiif
Gaara meeqas diigu

Yoo an ofbiratti hambise
Imaanaanni baatee jooru
Wanta inni boriif abdatu
Kan inni dhalootas sooru

Yoo an itti maqe
Sababa koofis gufate
Keessi namummaasaa
Aarii koonis gubate

Yoo an itti kuulee
Kiyyoo hamaan qabe
Wanta dhabuun qabne
Sababa koofis dhabe

Mee amma ani namaa
Moo maalan jedhamaa?
Akkamiin isa gaarii waliin
Maqaa tokkoo waamamaa???

Fayisaa Tasfaa tiin
Meeshaa haaraan 'magnetoelectric multiferroic' jedhamu dandeettii baatirii moobaayilii ismaarti tahaanii ji'oota sadiif tursuu qaba.
Dubartootni giddu galeessaan guyyatti si'a 62 yammuu seeqan(kolfan); dhiironnimmoo guyyaatti giddu galeessaan si'a 8 qofa seequ.
Channel photo updated
"Wanta afaaniin dubbannuufi qabatamaan hojjennu gidduutti kopheewwan hedduutu bututee dhuma!"

♥️♥️♥️
Channel photo updated
Kana beektuu laata?

Neeyil Armistiroongi addeessarraa gara lafaatti wayita deebi'etti unka(form) godaantummaa akka guute!
KANA BEEKTUU LAATA!

Oktoopas onnee sadii,sammuu sagaliifi dhiiga cuquliisa akka qabu?
#Namootaan marfamuun cidhaaf qofa miti!

Danuun boodakee hiriiree harka walitti siif tumaa sababa jiruuf qofa daandiin ati irra deemaa jirtu kan daba hin qabne jettee itti fufiinsaan utaalta taanaan, harki qilleensatti olka'ee jabinakee siif faarsu kun kallattii jijjiirrachuun gara mataa siif qabatee faallaa durii ammammoo siif gadduutti deebi'a!
Sagaleen dur hamilee siif kennuun akka goommaa qilleensaan guutee jiruutti si obomboleettessaa ture amma sagalee gurrakeef yaaddoo lallaban ta'eetu gurra si qabachiisa! Gaafasigaa miixuu firii hin argamsiisne miixachuun! Ilkaan gaabbiin hidhii of ciruun! Kanaaf yaa qaxaleekoo gaafa daandii sirrii irra jirtu sana, akka nama riqicha galaana naacha qabu irra qaxxaamuraa jiruutti of yaadi! Bilchinaan.....! Kanaan achi ilkaan naaqaachaaf kaadhimamta!

©Fayisaa Tasfaati
Hojjaan dheerateef
Tasa bor hin argu
Moluun sagal eebbisan
Ammuma ka'ee hin margu!

"Suuta suuta killeen miilaan deemti!" Mammaaksa Oromoo❤️✌️
Gaaf-sani❤️🌹

Gaafa guuramee darbu
Dabareen fakkeessaa
Gaafa habaqiin sobaa
Urgufatu nu keessaa

Gaafa abbaan dhugaa
Taa'u bakkasaaf malu
Haqni biyyaa fagaate
Deebi'ee namaaf galu

Gaafa toora qabatee
Hunduu hiika laatu
Dhugaan miila hiikee
Saffisa ifaan kaatu

Gaafa ifatti ba'u
Haqni sakaalame
Qulqulluun qulqullaa'e
Inni sobaan faalame

Gaafa bidiruu sobaa
Galaanni baatuu didu
Inni halkan saame
Guyyaa saafaa fidu

Gaafa somba sobaa
Qilleensuu baqatu
Hafuurri cituuf ka'ee
Dhabu waan qabatu

Gaaf-sanin hawwe
Maalif dafeen dhufuu
Gaarri dabaa kuni
Addub jedhee haa kufuu!

©Fayisaa Tasfaa!
@Naatiikoo...hidhoo dhuunfaa
@FayoFaye... kan Channel
KAROORAAF AS JIRTA!

Yeroo waraana addunyaa lammaffaa(wwII) loltuu Raashiyaa tokkotu boqonnaa yeroo gabaabaa fudhatee gara bakka haadha manaasaa wajjin jiraatuutti gala. Utuu mana hin gahin konkolaataa karaarra dhaabbatee reeffa namootaa lafa guutee jiru bakka awwaalchaatti guuru arge. Diinatu magaalaa seenee barbadeessee deeme. Iji loltuu kanaa namoota kana keessaa dubartii tokkorra buufate; kophee inni biteefii ture kan uffattee jirtu arge. Fiigee mana galee gaafa laalu haadhi warraa isaa mana hin jirtu. Rifaatuun dafee ofirra galagalee deebihee dhufee namoota reeffa guuran sana walfalmii guddaan booda bakka biraattan awwaalladha naa kennaa jedhee heyyamsiifate. Hafuurri xiqqoo keessa akka jirtu mirkaneeffate. Kaasuu isaatti baatee deemee yaalchisiise! Ni fayyite!
Waggaa saddeet booda bara 1952 ilma argatan ilmi isaanii kunis 'President' Raashiyaa har'aa Vilaadimir Puutin dha.

Madda:- kitaaba Hillary Clinton kan "Hard Choices" jedhurraan argadhe!

Eeyyeen sababaaf sababaan as jirta! 😕
Ellen Degeneres Eenyu?

DeGeneres yeroo gabaabaaf Yuunivarsiitii 'New Orleans' keessatti kan baratte yoo ta'u, achitti muummee komunikeeshinii baratte. Jireenya yuunivarsiitiitti waan hin quufneef, dhaabbata seeraa tokko keessatti hojjechuuf barumsa kana addaan kuttee kan deemte siʼa taʼu, boodarra hojiiwwan hedduus hojjetteetti , isaanis hojjettuu mana nyaataa, mana dhugaatii, fakkii manaa fi oyster shucker dabalatee. Garee hiriyyoota isheetiif hojii qoosaa erga walitti qabdee booda, DeGeneres dhuma bara 1970moota keessa manneen bunaa naannoo sanaa keessatti akka agarsiistu gaafatamte. Utuu baay'ee hin turin, naannoo kilabii qoosaa irratti Ameerikaa keessa imalaa turte, seenaa ishee quirky, naive kan sochii qaamaa ishee laaftuu ta'een adda baafamtee harki walitti rukutameef. Akkaataan isheen itti hojjettu kan Meerii Taayilar Muur fi Luusiil Baal waliin wal bira qabamee ilaalamaa ture. Gochi DeGeneres’s xiyyeeffannoo Showtime’s kan harkise yoo ta’u, networkiin keebilii kun bara 1982tti Nama Waggaa keessaa nama qoosaa ta’e jedhee moggaase.Hojii ishee bara 1986tti The Tonight Show Starring Johnny Carson irratti akka sirba dhiheessitu erga affeeramtee booda sadarkaa olaanaa irra geesse. Kaarsan(Carson) sirba qoosaa “Phone Call to God” jedhu hordofuun, DeGeneres teessee akka haasoftu harkaan agarsiise-yeroo jalqabaatiif qoosaa dubartii tokkoof kabajni sun kennameef.

#Ergaankoo_Kunooti!
Seenaa kana kanan kaaseef ijoolleen keenya bara kana qormaata seensa dhaabbilee barnoota olaanoo fudhattanii milkaa'uu baattanis tahe milkooftanis barumsi daandii isin ittiin galma keessan milkeessuuf filattan tahuu mala! Garuummoo inni guddaan galma qabaachuudha, kanaafuu wantoota jaallattan irratti xiyyeeffachuun daandii milkaayinaa keessan hordofaa malee akka waan karaan tokkichi kana taheetti tasumaa hin yaadinaan jedha! Kan nama dhibummoo barattoonni Yuunivarsiitii barataa jiran irra hedduun Yuunivarsiitiin mana hidhaa ammayya'aa annisaa dargaggummaa keenya nyaataa jiruudha jedhanii yaadu! Dhugaan arge namni bakka jirutti gammadaa tahe hin jiru; garuu namni waan jaallatu hojjetu daandii milkii irra jira jedheen amana💕

Fayisa Tesfa Oljira
2024/06/21 15:28:11
Back to Top
HTML Embed Code: